Site Name

subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link
subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link
subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link
subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link
subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link
subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link
subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link
subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link

small logo
Oduu

Ummanni Oromoo  roorroon isa hube Fincila diddaa gabrummaa tasiseen  Wallagga, Limmuu Galiiaatti lukkeelee diinaa irratti tarkaafii laaleessaa fudhate!

(Madda Oduu ABO/MOA Bitootessa 13,2009) Bitootessa 8,bara 2009 Wallaga Horroo Guduruu ona Limmuu Galiilaa Ganda Qonnaan Bulaa saphiira meexxii jedhamu keessatti ummatni Oromoo gaaffii mirgaa fi abbaa biyyummaa kaasaa turan baroota dheeraaf mootummaa Wayyaanee irraa deebiin kennamaa ture,hidhaa,rrebicha ajjeechaa fi qabeenyaa samamanii biyyaa ariyatamuu waan taheef jibba roorroo kana irraa kan kaa’e ummanni jiraataa ona kanaa FDG godhachuun ergamtoota Wayyaanee onicha bulchanii 15 irratti tarkaanfii laalessaa fudhachuun kaan reebanii kaan ona naannoo irraa ariyanii jiraachuun beekame.

Kana irratti dabalee gaafatamaa Ona sanii kan tahe qondaala OPDO yeroo dheeraaf ummata naannoo rakkisaa kan ture nama Amsaaluu Tafarraa jedhamu guyyaa kana guutummaatti mana isaa fi qabeenya isaa ummatni fincila kaase barbaadeessan jiru. Namoonni hafaniis reebichi hamaan irraa gahee jirchuu MOA naannoo san irraa gabaasa.

Kanneen reebamanii fi qabeenyi isaanii barbaadaaye kun ummata naannoon gibiraa fi buusii OPDOf buusa,miseensa tahaa jedhanii gidiraa guddaa irraan gahaa warra ture tahuun beekama.

Gabaasa guutuu kanaa gara fuula duratti qindaayee dhihaata.Tarkaanffiin Laalessaan

******** 

Godina Harargee bahaa keessatti lukkeewwan wayyaanee fi hojjettootni walitti bu’an.

(Madda Oduu ABO/MOA Bitootessa 13,2009)MOA godina Harargee irraa akka gabaasetti, Godina Harargee bahaa keessatti ergamtoota wayyaanee OPDOf maallaqa gaafatanii fi hojjettoota gidduutti wal dhabbiin uumamee jira.

Sababiin walitti bu’iinsa kanaa lukkeeleen wayyaanee OPDOn hojjettootaan miindaa keessan irraa harka 100 keessaa 50 (50%) dhaaba keenyaaf kennaa jedhanii waan dirqaniif ta’uutu gabaafame.

Hojjettootni mormii dhageessisaniin, miindaan mootummaan nuu kennaa jiru iyyuu  haala jiruu fi jireenya biyyattii keessaa yeroo ammaa waliinuu waan wal hin madaalleef, maallaqa OPDOf kenninu tokko iyyuu hin qabnu jechuun akka didantu ibsame.

OPDOn humnaan maallaqa nu irraa funaanuuf yaalii gootu hin dhaabdu taanaan, hojii keenya gadhiisuuf dirqamna jechuun hojjettootni Godina Harargee bahaa akeekkachiisaniiru.

Haala miindaan nuuf kaffalamuu fi qaalominni jireenyaa jiru wal hin madaalle keessatti miindaa keessan irraa nuu muraa jechuun OPDO diinummaa nuuf qabdu daran kan mul’isuu dha jechuun hojjettootni Oromoo Godina Harargee bahaa sagalee isaanii dhageessisan.

Wayta ammaa mootummaan wayyaanee karaa lukkee isaan ummata Oromoo maallaqa saamaa, miseensa keenyas ta’aa jechaa gidirsaa jiraachuun beekamaa dha.

********

Magaalaan Geedoo loltoota Wayyaaneen marfamtee dhiphataa akka jirtu MOA gabaase.

(Madda Oduu ABO/MOA Bitootessa 13,2009) Sochii barattoota Oromoo Godina Shawaa Lixaa magaalaa Geedootti dhalateen wal qabatee mootummaan faashistii wayyaanee sodaan liqimfamuun humna waraana isaan magaalattii fi naannoo sana marsee jiruu fi jireenya lammiilee balaa irra buusee akka jiru maddeen keenya saaxilaniiru.

Barattootni Oromoo Geedoo eenyummaa saba Oromoo tiksuu fi mirga Oromoo gaafachuuf torban kanaa qabanii sochii irra kan jiran oggaa ta’u, moootummaan faashistii wayyaanee sagalee barattootaa kana dhaamsuuf tarkaanfii humnaa fudhateen barataa Wandimmuu Daammanaa rasaasaan ajjeesuun gabaafameera. Mormiin jiru babal’achuun barattootni naannolee biroos sagalee mormii dhageessisaa jiraachuun barameera.

Gama biraan ummatni naannoo Geedootti argamu waraana wayyaanee meeshaalee gugurdaa hidhatee doorsisaaf olii fi gadi yaa’u dheessuun gabaa dhaquu irraa akka of qusatan maddeen keenya ifa godhu.

Hiraarri ummata irra ga’aa jiru babal’ataa jiraachuu kan ibsan maddeen keenya, namni mobilen haasa’u yo argame eenyu waliin haasofta jedhamee akka dhaanamuu fi saamamu ifa godhan.

Ummatnii fi barattootni walta’uun gocha faashistummaa wayyaaneen raawwachaa jiru dura dhaabbachuuf bifa adda addaan socho’aa akka jiranis maddeen keenya dabalanii eeraniiru.

****** 

Magaalaa Dirree Dhawaa fi naannoo isiitti basaasonni wayyaanee bobbaafamanii ummata goolaa jiran saaxilaman.

(Madda Oduu ABO/MOA Bitootessa 13,2009) Odeessi baha Oromiyaa irraa nu gahe akka hubachiisutti, basaasonni Wayyaanee dharaan namoota nagaa yakkanii hidhatti guursisuu fi sabboontota Oromoo irratti shira xaxuuf bobbaafaman.

Basaasonni diinaa naannoo Dirree Dhawatti ilmaan Oromoo dharaan hiisisaa jiranis Aammee Mahammad, Najiib Jamaal fi Abdulaxiif Isma'il kanneen je’aman ta’uun barameera.

Tooftaan ergamtoonni wayyaanee namoota nagaa ittiin yaakkuu barbaadan  dhokatanii rasaasa fi meeshaalee waraanaa bakka jireenya ummataa kaa’uun akka ta’e oduun kun ni ibsa. Kana malees, meeshaalee gara garaa nuuf gurguri je’anii erga itti kennanii booda kunoo waan akkanaa harkatti qabne jechuun dalagaa diinummaa irratti hojjechuufaa akka ta’etu gabaafame.

Hanga ammattis ilmaan Oromoo Aadde Zeeynabaa, Ahmaddiin, Bahar, Saabit, Fathiyaa fi Abdujabbaaar kanneen je’aman shira diinaa kanaan  hidhatti guuramanii jiru.

Kana males namni qalbiin fayyaa hin qabne Abdii Ismaa’il je’amu kan Ona Baabbilee naannoo Ija Ginnat bakka Bombaas je’amtu ta’e, ati WBO waliin hidhata qabda je’amee akka malee erga tumameen booda hidhaatti darbatamee dararamaa akka jiru odeessi kun dabalee addeessa. 

MOA


Opinions published on News and Views section of this site are those of the authors and not necessarily that of OLF.

Copyright ©2005 ABO/OLF All Rights Reserved | Email Webmaster olfinfodesk@earthlink.net